Koreen Giddu Galeessaa Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) walag’ii hatattamaa magalaa Finfinneetti Sadaasa 20, 2018 gaggeesseen, hirmannaa filannoo walii galaa 7ffaa Itoophiyaa dhufu ilaalchisee itti gaafatamummaa fi naamusa sirnawaa qaburratti hunda’uun tooftaa adeemsa filannichaa irratti murtee kennuu ibsa baaseen beeksiseera.
Bu’uuruma Kanaan Koreen Giddu galeessaa rakkoolee siyaasaa fi nageenyaa biyyattii mudate, akkasumas dirqama seeraa fi itti gaafatamummaa guddaa miseensotaa fi ummata Oromoo irraa qabu hubachuun xiinxala bal’aa gaggeessuu hime.
Gamaaggama baldhaa miseensota kore giddu galaa godinaalee Oromiyaa hundarraa dhufaniin gaggeefameen, haalli nageenyaa sodaachisaa fi yaaddessaa ta’uunsaa hubatameera jedhe.
Oromiyaa fi naannolee biroo keessatti waraana, buqqa’uu namootaa fi lubbuun namootaa darbuun mul’achuun, guutummaa biyyattii keessatti filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi nagaa gaggeessuuf haalli mijataan akka hin jirre mirkaneessuu hime.
Miseensota keenya dabalatee hidhamuu geggeessitoota siyaasaa, cufamuun waajjiraalee KFO fi paartilee mormitootaa biroo, akkasumas ukkamsaa/uggura sirnaa midiyaa (piressii) bilisaa fi mirgoota namummaa irratti raawwatamu irraa kan ka’e dirreen siyaasaa guutummatti cufamuu isaa abdii dimokiraasii paartii-daneessaa guutumatti kan laamshessu ta’ee argameera jedhe.
KFO’n nageenyaa fi tasgabbii miseensota, kaadhimamtootaa fi deeggartoota akkasumas kan ummataa bal’aa tilmaama keessa galchudhaan, adeemsa filannoo dhiibbaaf ukkaamsaa guddaa qabuu fi lubbuu ummataa balaadhaaf saaxilu keessatti hirmaachuun adeemsichaaf beekkamtii seeerummaa kennuun akka hin barbaachifne cimsee amana kan jedhe ibsichi, Filannoon haala mijataa hin taane keessatti gaggeeffamu nagaa, tasgabbii fi sirna dimokiraasii uummatni barbaadu fiduu akka hin dandeenye hubatameera jedhe.
Haata’u malee, paartiin keenya filannoo marsaa 6ffa al-dimokraasummaa bal’aa fi faallaa heera mootummaatiin gaggeeffame irratti hirmaachuu dhabuu keenyaan, akkaataa Labsii Filannoo lakk 1162/2011 keeyyata 99(1) (d) akka Labsii 1397/2017 foyya’een “partiin marsaa lamaaf walitti aansee filannoo biyyoolessaa ykn filannoo naannoo irratti hin himaanne galmee seerummaa irra ni haqama” waan jedhuuf qofa, magaalaa guddoo Finfinnee keessatti hirmaachuun itti fufinsa jireenya paartii keenyaa eeguuf, akkasumas jijjiirama dimokiraasii bu’uuraa Itoophiyaan barbaadduuf sagalee keenya dirree biyyaalessaa fi idil-addunyaatti dhageessisuuf carraa guddaa akka ta’e hubatameera jedhe.
Kanaafuu, Koreen Giddugaleessaa Kongirasii Federalawaa Oromoo hirmaannaa filannoo walii galaa marsaa 7ffaa ilaalchisee akka itti aanutti murteessuu hime.

1/KFO’n filannoo walii galaa 7ffaa dhufurratti tarsiimoo ‘Hirmaannaa fakkenyummaa fi Tooftawaa’ jedhu hordofuun kaadhimamtoota isaa naannoolee filannoo Finfinnee fi naannolee biroo haalli nageenyaa filannoo mijataa ta’uu isaa Koree Hojii Rawwachiiftuun gammaaggamee itti amane qofa keessatti dorgomtoota akka hirmaachisu murtaa’eera.

2/Murteen lakkofsa tokkoffaa irratti tuqame akkuma eegametti ta’ee, naannoolee biroo hunda keessatti, keessumattuu naannoolee waraanaa keessa jiran kan akka Oromiyaa fi naannolee biraa keessatti hirmaannaa irraa of qusachuun keenya, mootummaan dirqama nagaa fi tasgabbii lammiilee mirkaneessuu dadhabuu isaa mormii keenya karaa naamusa qabuun kan agarsiifnu ta’a. KFOn dhiiga ummataan siyaasa hin dalagu jedbe.
“3/Filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi iftoomina qabuuf haaldureewwan bu’uura jechaa turre osoo addaan hin kutiin itti fufinsaan dhiyeessun keenya itti fufa. Isaanis:
●Naannolee Oromiyaa fi Naannoolee waraanni adeemsifamaa jiru keessatti hatattamaan waliigalteen waraana dhaabuu qabatamaan akka taasifamu.

●Hidhamtoonni hundi haalduree tokko malee akka gadhiifaman fi paartileen hundinuu waajjiraalee isaanii banatanii bilisaan akka socho’anif haa eeyyamamuuf.
●Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa fi qaamolee nageenyaa biyyattii keessatti walaba ta’uu isaanii kan mirkaneessu jijjiiramni dhugaa fi ifatti mul’atu akka gaggeeffamu.
●Taajjabdootni filannoo idil-addunyaa yeroo dheeraa kan akka Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afriikaa , Gamtaa Awuroppaa, adeemsa filannoo dura jiru yeroo filannoo guutummaa isaa akka taajjabanii fi haalli mijataan jiraachuu isaa akka mirkaneessan hatattamaan akka affeeraman fa’a” jedhe.
4/Koreen Giddugaleessaa, Koreen Hojii Raawwachiiftuu KFO murtii kana hordofee hojiirra oolchuuf, paartilee miseensa MADRAK/WALTAJJII wajjin akka qindeessuu fi ejjannoo keenya ummata Oromoo, uummatoota Itoophiyaa fi hawaasa idil-addunyaaf akka ibsuu fi sagantaa fi karoora sab-qunnamtii (komunikeeshinii) cimaa akka qopheessu kallatii kaa’eera jedhe.
Murtiin kun, Ummata Oromoo fi ummatoota Itoophiyaa hundaaf gara fuulduraa nagaa fi dimokiraasii ijaaruuf kutannoo cimaa qabnu kan calaqqisiisudha kan jedhe KFOn, Daandiin nuti filanne salphaa ta’uu baatus, itti gaafatamummaa kan qabuu fi tooftaa qabsoo saba keenyaaf faayidaa qabeessa ta’e ta’uusaa ibsina jedhe.
waa’ee hidha guddicha Ethiopia dubbisuuf The Grand Ethiopian Renaissance Dam (GERD): History, Benefits, Controversy & Future of the Nile River | Complete Guide
Waa’ee Dhaabbata teeknoloojii guddicha Damiina technology argachuuf deminatech.com




