HEERA MOOTUMMAA FDRE

Saboonni, sab-lammoonnii fi uumattootni Itiyoophiyaa, bakka buu‟oota filatanii ergataniin Heera Mootummaa Rippabilika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa Sadaasa 29,bara 1987 kan raggaasisan waan ta‟eef kan kanatti aanu labsameera.

Seensa

Nuti saboonni, sab-lamoonni, uumattoonni Itiyoophiyaa:Biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti nageenya fulla‟aa fi Dimookiraasiin wabuuma qabu akka diriiru, guddinni dinagdee fi Hawwaasummaa keenya akka
ariifatu, mirga hiree keenya ofiin murteeffachuutti qabnu fayyadamnee, fedhii bilisa keenyaa, olaantummaa seeraa fi fedhii keenya irratti kan hundaa‟e hawaasa siyaasa tokkoo waliin ijaaruudhaaf kutanne ka‟uudhaan; Kaayyoo kan galmaan ga‟uuf mirgoonni bu‟uuraa dhuunfaa, sabaa, sab-lammii
kabajamuu isaanii, wal qixxummaan saalaa mirkanaa‟uu isaa, aadaawanii fi amantiiwwan loogii tokko malee akka tarkaanfatan gochuun barbaachisaa fi amantaa keenya cimaa waan ta‟eef; Biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti, aadaa boonsaa mata mata keenyaa kan qabnu, haala teessumaa lafaa kan mata-mata keenyaa qabaachaa kan turree fi kan qabnu saboonni, sab-lammoonnii fi uumattoonni dameewwanii fi sadarkaalee garaagaraa irrattii waliin taanee biyya keessa jiraachaa kan turree fi
keessa kan jiraannu waan ta‟eef, ilaalchaa fi faayidaa waliin horanne qabnua jenne waan amannuuf;
Carraa waliinii keenya kan gara fuula duraa kan irrattii bu‟uureffamuu qabu, dogoggora walitti dhuufeenya keenyaa seenaa keenya darbe irraa dhaalle sireessuu fi faayidaa waliinii keenya guddisuu irratti ta‟uu isaa fudhachuun; Faayidaa, mirga fi bilisummaa waliinii keenya waldeggarsaan guddisuudhaaf
barbaachisummaa hawaasa dinagdee tokkom ijaaruutti amanuudhan; Dimookiraasii fi nagaa qabsoo fi wareegama gumaachineen argaman fulla‟insa isaa mirkanneessuuf; Heerri Mootummaa kun, kayyoolee fi amataawwan armaan olitti ibsineef gudunfaa akka nuuf ta‟u, bakka bu‟oota filannee ergineen Yaa‟ii

Heera Mootummaa sadaasa 29, bara 1987 raggaasifneerra.

Dachummaa fi Aangoo Manneen Murtii

  1. Manni Murtii Waliigalaa Federaalawaa dhimmoota Federaalawaa irratti
    aangoo Abbaa Seerummaa isa Ol’aanaa fi isa dhumaa qabaata.
  2. Manni Murtii waliigalaa Naannoo dhimma naannoo isaa irratti aangoo
    Abbaa Seerummaa isa olaanaa fi isa dhumaa qabaata. Itti dabalees aangoo
    Abbaa Seerummaa Mana Murtii Ol’aanaa Federaalawaa ni qabaata.
  3. Keewwata kana, keewwata xiqqaa 1 fi 2n kan ibsame jiraatus;
    A. Manni Murtii Waliigalaa Federaalawaa Murtii dhumaa dogoggora seera
    bu’uura qabu kam iyyuu sirreessuuf aangoo dhaddacha ijibbaataa
    qabaata. Tarreeffamni isaa seeraan murtaa’a.
    B. Manni Murtii Waliigalaa Naannoo dogoggora seera bu’uuraa ta’e kan
    qabu murtii dhumaa sirreessuuf dhimmoota Naannoo aangoo dhaddacha
    ijibbaataan ilaaluu ni qabaata. Tarreeffamni isaa seeraan ni murtaa’a. Manni Murtii Ol’aanaa Naannoo aangoo Abbaa Seerummaa Naannoo isaatti
    qabaatu irratti dabalataan aangoo Abbaa Seerummaa Mana Murtii sadarkaa
    jalqabaa Federaalawaa qabaata.
  4. Murtii Manni Murtii Ol’aanaa Naannoo akka aangoo Abbaa Seerummaa
    Mana Murtii sadarkaa jalqabaa Federaalawaa qabuun kennu irratti ol
    iyyanni dhihaatu Mana Murtii Waliigalaa Naannootiin ilaalama.
  5. Murtii Manni Murtii Waliigalaa Naannoo aangoo Abbaa Seerummaa
    Federaalawaa qabuun kennuu irratti ol-iyyanni dhihaatu Mana Murtii
    Waliigalaa Federaalawaan ilaalama.
PDF Heera Mootummaa FDRE 

Waa’ee seera Yakkaa