Seera Yakkaa

Kaayyoon Seera Yakkaa, faayidaa waliigalaatiif jecha nageenya,tasgabbii, sirna, mirgaafi faayidaa mootummaa, ummataafi jiraattota biyyattii eeguufi mirkaneessuudha.
Galmi Seera Yakkaa yakki akka hin raawwatamne ittisuu yommuu ta’u kanas kan dhugoomsu waa’ee gochoonni yakkaafi adabbii isaanii dursee akeekkachiisa kennuun, yommuu akeekkachiisichi gahaa hin
taanettis raawwattoonni yakkaa adabamanii yakka biroo raawwachuurraa akka of qusataniifi kanneen birootiif barumsa akka ta’an yookiin akka sirreeffaman taasisuun yookiin yakkoota dabalataan akka hin raawwanneef tarkaanfilee akka isaanirratti fudhataman taasisuunidha.

Qajeeltoo Seerummaa

  1. Seerri Yakkaa waa’ee yakkoota addaddaafi adabbiileefi tarkaanfilee of eeggannoo yakkamtoota irratti raawwatamanii tarreessuun ni tuma.
  2. Manni murtii gocha yookiin gochuu dhabuu seeraan alummaan isaa seeraan hin tumamne akka gocha yakkaatti lakkaawuufi adabbii itti murteessuu hin danda’u. Manni murtichaa kanneen seeraan tumaman malee adabbiileefi tarkaanfilee biroo murteessuu hin danda’u. Yakkoota seera irratti tumaman waliin wal fakkaata jechuun gochuu yookiin gochuu dhabuu yakkummaan isaa ifaan hin tumamne manni murtii akka yakkaatti lakkaawuu hin danda’u.
  3. Tumaaleen armaan olitti ibsaman manni murtii seericha akka hin hiikne hin dhorkani. Yaanni seerichaa falmisiisaa yommuu ta’u, galma seerichi gahuuf yaade mirkaneessuuf akka danda’amutti
    bu’uura hiikaafi yaada seera baastuun karoorfateen manni murtichaa hiikuu qaba.
  4. Namni kamiyyuu bu’uura seeraatiin murtii isa dhumaa ta’een balleessummaan isaa mirkanaa’ee yakka kanaan dura ittiin adabameen yookiin tarkaanfiin seeraa biroo irratti fudhatameen yookiin bilisaan gadi lakkifameen irra deebi’ee hin himatamu yookiin hin adabamu.

Seera Duratti Walqixa Ta’uu

Seerri yakkaa namoota gidduutti sadarkaa jireenya hawaasummaan, sanyiin, sabaan, sablammiin, bifaan, saalaan, afaaniin, amantiin, ilaalcha siyaasaa yookiin kan biroon, qabeenyaan, dhalootaan yookiin ejjennoo kan biraatiin garaagarummaa osoo hin uumiin hunda irratti wal qixxummaan raawwatamaa ni ta’a.
Raawwattoota yakkaa gidduutti garaagarummaan kan uumamu maddi isaa seera addunyaalessaa yookiin heera mootummaa ta’ee mirgi bu’uura seera kanaan tumame yoo jiraate, yookiin cimina yakkichaa,
sadarkaa badichaa yookiin umuriin raawwatichaa, haalawwan yookiin amalli addaa namicha yakka raawwatee yookiin balaa yakkichi hawaasa irratti qaqqabsiise tilmaama keessa akka galu seera kanaan
kan tumame yoo ta’edha.

Seerri Yakkaa Duubatti Deebi’ee Kan Hin Hojjenne Ta’uu Isaa

  1. Seera kanaafi seera yakkaa haqameen gochi akka yakkaatti lakkaawame kan raawwatame seerri kun ragga`uu isaatiin dura yoo ta’e, dhimmichi kan ilaalamu bu’uura seera yakkaa haqameetiin ta’a.
  2. Gochichi bu’uura seera kanaan yakka ta’ee seera yakkaa haqameen garuu akka gocha yakkaatti kan hin lakkaawwamne yoo ta’eefi kan raawwatame seerri kun ragga`uu isaatiin dura yoo ta’e, adabsiisuu hin danda’u.
  3. Yeroo seerri haqame kun hojiirra turetti yakki raawwatame yoo jiraateefi seera kanaan garuu akka gocha yakkaatti kan hin lakkaawwamne yoo ta’e, himachiisuus ta’e adabsiisuu hin danda’u; himanni isaas kan jalqabame yoo ta’e addaan ni cita.

Barreeffama fguutuu PDF isaa asii buufadhu Seera_Yakkaa_Afaan_Oromoo

Waa’ee seera inshuraansi

https://orojob.net/blog/insurance-law-in-ethiopia/

Waa,ee Heera Mootummaa FDRE